Aadaa fi Tuurizimii

Hawwata Tuuristii

Fincaa'aa Qexoo
Qexoo

Fincaa'aa Qexoo

Fincaa’aan laga Qexoo Magaalaa Gabaa Roobii irraa gara bahatti km 42 fagaatee bakka addaa Qexoo jedhamutti argama. Fincaa’aan kun daandii aspaaltii Finfinnee gara Dambi Doolloo geessuu irraa meetira 500 kan hin caallee fagaata. Fincaa’aan kun dheerina meetira soddoma caalu irraa kan gadi fincaa’uudha. Dabalataan fincaa’aa kana duratti lafti diriiraan namni irra bashannanuu danda’u fi fincaa’icha faana akka fedhetti suuraa ka’u danda’u dhagaa xixiqqoo uwwifamee bareedee jiraaachuun isaa hawwattummaa isaa daran dabaleera. Kun immoo carraa misoomuu iddoo hawwataa kana ta’eera.Yeroo ammaa bakki kun tajaajila bashannana adda addaa kanneen akka daakaaf,cidha gaa’ilaaf,akkasumas hojii viidiyoof oolaa jira.

Nooraa Waaqayyoo
Nooraa

Nooraa Waaqayyoo

Nooraan kun nooraa uumamaa yeroo ta’u, laga Xibbee kan Aanaa Haawaa Galaanii fi Aanaa Sayyoo daangessuun yaa’u irratti bakka addaa ganda Haawaa Fiinchoo fi ganda Baddeessoo giduuttii argama. lagni kun uumamumaan yookaan hirmaannaa namaa osoo hin dabalatin lafa dheerina dalgi isaa meetira torbaa olta’u jala uree bahuun yaa’a.Hawwaasni naannichaa kan gamasii fi gamanaa , akkasumas,horiin lafa lagichi jala yaa’u sana gubbaa akka nooraatti fayyadamuun walitti adeemu.Haawaasni naannoo sanaa nooraan kun kan uumaamaa ta’uu isaa dhugaa bahu. Nooraa kana gajjaallattii lagni kun fincaa’aa ol dheeraa qabaachuunsaa miidhagina dabalaataa ta’ee argama.

Bosona Birbir
Birbir

Bosona Birbir

Aanaa Haawaa Galaan iddoowwan hawwata tuurizimiif oolan biroo isheen qabdu keesaa Bosona Birbir isa tokko.Bosonni kun toora bishaan Birbir kan daangaa Aanaa Haawaa Galaanii fi Iluu Abbaa Booraa gidduu yaa’u fuulleeffachuun balina lafa hektaara kuma kudhanii ol uuwwisee akka argamu ragaan ni ibsa.Bosonni kun mukeetii gosa garaa,akkasumas bineensotni gurgoddoon kanneen akka Gafarsaa,Warabboo ,Leencaa karkarroo balinaan kan keessatti argmaniidha.Dabalataan sinborroonnii gosa gara garaa heddumminaan argamu.

Bishaan Birbir bosona kana keessa kutee waan darbuuf bineensota bishaan keessa jiraachuu dandaa’anis ni jiru

Goota Seenaa

Burayu Abbaa Gosaa

Buraayyuu Abbaa Goosaa

Goota beekamaa Aanaa Hawwaa Galaan lola sadarkaa biyyaalessaarratti hirmaate.
Buraayyuu Abbaa Goosaa eenyu? Goota beekamaa fi Uummata isaa biratti jaallatamaa nama tureedha. Goosaan maqaa farda isaa yammuu ta’u inni sirriin maqaan isaa Buraayyuu Barii Oofaati. Bakki inni itti dhalatee guddate Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan ganda Gabaa Sanbata Duraa yookaan Gabaa Jaalallee keessattidh. bara dhaloota isaa fi bara inni itti du’e ragaan kana nama jechisiisu yoo dhibellee haala bulchiinsa mootolee yeroo sana biyya bulchaa jiran irraa ka’uun naannoo jalqaba jaarraa 19ffaa keessa akka ture ragaan barreeffamaa tokko tokko ni ibsu. Iddoo inni itti du’e Aanaa Hawwaa Galaan Ganda mojoo yammuu ta’u iddoo inni itti awwaalame garuu ganduma itti dhalate gabaa sanbata duraa bataskaana mikaa’ilaatti. Maqaan Abbaa isaa Barii Oofaa yeroo jedhamu Haati isaa immoo maqaa Muujjee jedhamuun beekamti.

Buraayyus waraana isaa nama 300 wajjin torban ja’a deemuun finfinnee gahe jedhama. akkuma minilikiin bira gaheen buraayyuun gaaffii akkas jedhu gaafate nama waraana kana mo’atee deebi’uuf maaltu godhamaaf kan jedhu gaafate. minilikis nama waraana kana lolee injifatee galuuf waa lamatu ta’aaf jedhee deebise. Finfinnee keessaa lafa kutaa magaalaa tokko ni kennamaaf kan jedhuu fi naannoo dhaloota isaa keessaa sirni malkaanyaa akka hinseenne waadaan galaaf jedhe. kanaan booda Buraayyuunis waadaa lammeen kana erga hubatee booda haamilee guutuudhaan waraana isaa fudhatee gara dirree lolaatti qajeele akkuma waraanatti ba’aniin waraana Xaaliyaanii haga ajjeesan ajjeesanii kan hafan immoo booji’anii galan jedhama.

Goota Aduwaa Abbaa Goosaa Waraana Itiyoophiyaa